Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafee Mahaammad bakka bu’aa sagantaa nyaata addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee Ityoophiyaatti bakka bu’aa Sagantaa Nyaata Addunyaa Dooktar Isteevan Weeree Oomaamoo waliin mari’ataniiru.
Haala hongee naannichaatti muudate ittisuun fi miidhaa hawaasarra qaqqabeef deeggarsa barbaasiisu taasiisuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Kutaalaa hawaasaa hongeen miidhamaniif bishaanii fi nyaanni loonii dhiyaachaa jiraachuu obbo Musxafeen ibsaniiru.
Mootummaan naannichaa rakkoo uumame humna isaan deebii laachuuf hojjechaa jiraatus dhiyeessiin nyaataa fi nyaata madaallawaa kan barbaachisu ta’uu eeraniiru.
Dhaabbileen deeggartootaa deeggarsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.
Ityoophiyaatti bakka bu’aan Sagantaa Nyaata Addunyaa Dooktar Isteevan Weeree Oomaamoo dhaabbatichi yeroo itti aanu naannichatti deeggarsa namoomaa taasiisuuf xiyyeeffaannoo kan laatu ta’uu ibsaniiru.
Rakkoo naannicha muudate dhaabbilee deeggartootaa biroof hubachiisuun hojiin qabeenya walitti qabuu kan hojjetmu ta’uu dubbtaniiru.
Dabalataan Dooktar Isteevan Weeree Oomaamoon hojiilee misoomaa kutaalee naannichaa garaagaraa keessatti hojjetamaa jiran dinqisiifataniiru.
MaddI:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.