Fana: At a Speed of Life!

Obbo Oordiin Badriin Ityoophiyaatti Daayrektara Olaanaa Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Oordiin Badriin Ityoophiyaatti Daayrektara Olaanaa Baankii Addunyaa Oosmaan Diyoon waliin mari’achuu ibsame.

Bankiin Addunyaa hojiilee misooma naannichaa deeggaruun gahee isaa ba’achaa jiraachuu obbo Oordiin ibsaniiru.

Keessumaa naannichatti dhiyeessii bishaan dhugaatiifi damee qonnaa guddisuuf deeggarsa baankichi taasisuuf galateeffateeffachuun cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Oosmaan Diyoon gamasaaniin, deeggarsi baankichi hojiilee misoomaa naannichaaf taasisu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Piroojektoota deeggarsa baankichaan hojjetamaa jiran daawwachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.