Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ristuu Yirdaaw dhaabbilee magaalaa Hoosaa’iinaatti ijaarramaniif dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw dhaabbilee garaagaraa magaalaa Hoosaa’iinaatti ijaarramaniif dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Ijaarsaa Siidaa Yaadannoo Geejjaa Gariiboo fi Buufata Konkolaataa ammayyaa magaalaa Hoosaa’iinaaf dhagaa bu’uuraa kaa’aaniiru.

Tajaajilli Geejjibaa gamoo abbaa darbii 5 of keessatti hammate Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50 oliin ijaarrama jedhame.

Akkasumas ijaarsa proojektii tajaajia Bishaan dhugaatii magaalaa Hoosaa’iinaafis dhagaan bu’uuraa kaa’amuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.

Proojektiin hojii babal’isuu kun Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 53 kan fixu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.