Fana: At a Speed of Life!

Obbo Saadaat Nashaan Itti Gaafatamaa Damee Quunnamtii Ummataa fi Hariiroo Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa ta’uun muudaman.

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Obbo Saadaat Nashaan Itti Gaafatamaa Damee Quunnamtii Ummataa fi Hariiroo Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa ta’uun muudamaniiru.

Obbo Saadaat sadarkaa federaalaa fi naannootti hoggantummaan kan tajaajilaan yoo ta’u, hanga muudamni kun kennamettis Itti Gaafatamaa Damee Siyaasaa Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Dooktar Biqilaa Hurrisaan Itti Gaafatamaa Damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.

Dooktar Biqilaan, sadarkaa federaalaa fi naannootti ittigaafatamummaa garaagaraan kan hojjechaa turan yoo ta’u, muudamichi hanga kennametti Itti Gaafatamaa Damee Quunnamtii Ummataa fi Hariiroo Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa ta’uun taajaajilaa turuu ragaan waajjira paartichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.