Fana: At a Speed of Life!

obbo Shimallis Abdiisaa Hordoftoota Amantaa islaamaa maraan Baga Ayyaana Iid Al Adihaa/ Arafaa Geessan Jedhan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oroomiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Hordoftoota Amantaa islaamaa maraan Baga Ayyaana Iid Al Adihaa/ Arafaa Geessan Jedhan

Ergaa guutuun baga geessaniin dabarsan kinooti.

———————————

Ergaa Baga Geessanii Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa Ayyaana Idal Ada’aa Sababeeffachuun dabarsan.

Duraan dursee hordoftoonni amantaa Isilaamaa naannoofi biyya keenyaa baga ayyaana Idal Ada’aa (Arafaa) waggaa 1441 ffaa tiin isin gahe, baga waliin geenye jechuun fedha.

Ayyaanota amantaa mallattoo wal jaalalaafi waliin jireenyaa ummata biyya keenyaa keessaa tokko kan ta’e ayyaanni Idal Ada’aa qabeenya jaarraaf nu waliin tureefi itti boonnuu dha.

Ayyaanni hordoftoota amantaa Islaamaa bira darbee duudhaa ummata bala’aa ta’uuf ga’e kun, wal deeggarsaafi gargaarsaan kan beekamuu dha. Kan beela’e beela baasuu, dhiyaana waliin soorachuu, kan rakkateef birmachuufi wal tumsuufi wal bira dhaabbachuun qajeeltoo hordoftoota amantichaa ta’uun isaa adda isa taasisa.

Hordoftoonni amantaa Isilaamaa abbaa sirna guddaa kanaa taatan, baga ayyaana Arafaa Bara1441 ffaa geessan yammuun jedhu gammachuu guddaan qaba.

Qajeeltoo amantaarraa dhaaltaniin duudhaan biyyaafi ummata dhaalchistan, har’a qabeenya dilbii itti boonnuufi ittiin jiraannuu dha.

Bara miixuu akka bara kanaa, weerarri idil-addunyaawaan dhibee Koronaa rakkoo dinagdee hammeesse kanatti, duudhaan waliif yaaduufi birmachuu qooda ol’aanaa gumaachaa jira. Harka qalleeyyii mana isaaniitti bilcheeffatanii soorachuu hin dandeenye waliin dhiyaana soorachuun

olitti waan nama gammachiisu hin jiru.

Ollaa bitaafi mirgaa, kan boroofi balbalaa waliin dhangaa

kan soorattan, mijuu kan dhiyeeffattan martinuu irra deebiin baga geessan baga gammaddan jechuun fedha.

Hordoftoonni amantaa Isilaamaa hojii ogummaa fayyaafi hoggansa dhibee Koronaa injifachuuf kenninu hunda keessatti qooda seenaa qabeessaafi adda ta’e gumaachaa jirtan, akka kanaan dura baratametti maatiitti makamtanii yeroo gammachuu qabaachuu akka hin dandeenye nan

hubadha.

Garuu, bakka dirqama lammummaa bahachaa jirtan hundatti mallattoo hin dagatamne keessanii akka dabartan shakkii hin qabu.

Akkuma sana, maatiiwwan walitti dhuftanii kabajaa turtanis, bara kana dhibee Koronaa (COVID-19) ittisuufi to’achuuf tarkaanfii fudhatamaa jirurraa kan ka’e walitti dhuftanii kabajuu

akka hin dandeenye ni beekama. Haa ta’u malee, bakka jirtan hundatti, yaadaafi qalbiin wal hubattanii yeroo dukkanaa kana yoo dabarsitanii, gaaga’ama hin malle hanbisuun guyyaa wal

argaa gaarii mijeeffachuun kan oolu miti.

Akkas ta’uu baannaan, “Gaabbiifi Eegeen booddee deemti!” akka jedhamu sana ta’a. Of eeggachuu dhabuudhaan nama jaallannu dhabuu ykn dhabamuuf saaxilamuu ta’a.

Kanaafuu, hordoftoonni amantaa Isilaamaafi ummanni bal’aan gorsa ogummaa ogeeyyii fayyaafi kallattii akka mootummaatti taa’e hojiirra oolchuudhaan gaaga’ama dhibeen Koronaa

geessisurraa akka of qusattan dhaamsakoon dabarsa.

Ayyaanni kan nagaa, gammachuufi misiraachoo isiniif yaa ta’u!!!!

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.