Fana: At a Speed of Life!

obbo Shimallis Abdiisaan ergaa of eeggannoo vaayrasii koroonaa dabarsan

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Preezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ergaa of eeggannoo vaayrasii koroonaa dabarsan

Obbo Shimallis sochii guyyaa guyyaa hunda keessatti wal tuttuqqaarraa fagaachuu, mallattoowwan qufaa gogaa, dhukkubbii qoonqoo, dhangala’aa funyaan keessaa ba’u, axxifannaa fi ho’ina qaamaa ofirratti yoo argan ariitiin dhaabbilee fayyaa naannawaa isaaniitti argaman deemuun ilaalamuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Akkuma sana, nama waliin jiranis ta’e, maatii waliin jiraataniif of eeggannoo gochuun akka malu dhaamaniiru.

Gorsa ogeeyyii fayyaa miidiyaaleen darbaa jiru hordofuun of eeggannoo taasisuu, harka saamunaadhaan dhiqachuu, haala baratameen wal hammachuu fi wal dhungachuun nagaa wal gaafachuurraa of qusachuutu nurraa eegama jedhan.

Of eeggannoon fayyaa dhuunfaafi maatii bira darbee fayyaalessummaa ummata biyya keenyaa mirkaneessuuf taasifnu kun yaaddoo yaad-qalbiirraa bilisa ta’uu qaba. Waltahiinsa ummataa fi mootummaa, akkasumas ogeeyyii dameewwan adda addaatiin dhibee koronaa to’achuuf tattaaffii taasifamu milkaa’inaan xumuruuf qophaa’ummaa ol’aanaan hojjechuu qabnaan dhaamaniiru.

Dhibee kanaaf iddoo hin malle kennuun yaaddoo fi sodaa keessa seenuus ta’e, hojii idileerraa of daangessuu akka hin qabne dhaamaa, gorsa ogeeyyii fayyaa hordofuudhaan of eeggannoo ga’aan akka taasifamu yaadachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.