Fana: At a Speed of Life!

Odeeffannoon Liibiyaan Imbaasishee Finfinnee cufte jedhame soba ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Odeeffannoon Liibiyaan Imbaasishee Finfinnee cufteerti jedhamee tamsa’e soba ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsan.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin Imbaasichi hojiirra jiraachuu fi odeeffannoon tamsa’e dhugaarraa kan fagaate ta’uu Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ibsaniiru.

Odeeffannoon sobaa biyyoonni Afrikaa Imbaasii isaanii Finfinnee jiru akka waan cufaniitti fi cufuuf qophiirra jiraniitti tamsa’u dhiibbaa alaa fi qaama waraana xiin sammuu mootummaa Ityoophiyaarratti taasifamaa jiru ta’uu Ambaasaaddar Diinaan kaasaniiru.

Odeeffannoowwan biroon qulqulleeffamanii uummataaf ifa kan ta’an ta’uu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.