Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dajanee Xaafaa, obbo Mastawaard Tamaamii fi Ogeessa Koompiiyuutaraa obbo Jawaar Mahaammad irratti himanni baname

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC) –Mana Murtii olaanaa Federaalaatti obbo Dajanee Xaafaa, obbo Mastawaard Tamaamii fi ogeessa Koompiiyuutaraa Obbo Jawaar Mahaammad Miishaa Adam irratti himanni baname.
 
Shakkamtoota kanneerratti himanni iddoo lamatti qoodamuun banameera.
 
1ffaan obbo Dajanee Xaafaa fi Mastawaard Tamaam irratti yoo ta’u, 2ffaan obbo Miisha Adam irratti.
 
Shakkamtoonni 1ffaan seeraa yakkaa FDRI 238/2 darbuun hiriyoota isaanii too’annaa jala hin oolle waliin ta’uun yakka olaanaa raawwachuu isaanii himanni abbaa alangaa eereera.
 
Waxabajjii, 2012 booda yeroon aangoo mootummaa waan xumuramuuf mootummichi mootummaa ta’ee itti fufu waan hin qabneef mootummaa ce’umsaa hundeessuu qabna jechuun humnaan, doorsisaa fi karaa seeraan alaan carraa kamiiniyyuu sirna heera mootummaan hundaa’ee diiguuf dhiibaa taasisaa turuu Abbaan Alangaa himata isaan eerera.
 
Siidawwan Miiniiliikii fi fakkaattoonni isaa diiggamuu qaba, qeerroon Oromoo qabeenya sabaaf sablammoota biroo gubuu fi barbadeessuu qabu jechuun waxabajjii 23, 2012 ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun socho’aniiru jedha himanni abbaa alangichaa.
 
Waxabajjii 23, 2012 ganama sa’aatii 1:00tti ummatta reeffa Haacaaluu Hundeessaa gaggeessuuf argamaniin kana booda qofaa keenya hin boonyu, ijjooleen nafxanyaa akkuma kana dura nu fixaa turan ammas nu fixaa jiru, siidaa Miiniiliik diigaa, nafxanyaan yoo dhufte tarkkaaffii irratti fudhadhaa,gara masaraa Kiiloo 4 imaluun yeroo dhumaaf sirna kana dhabamsiisuu qabna jechuun ergama itti laatame milkeessuuf yaalaniiru jedhan himanni baname.
 
Obbo Dajanee Xaafas obbo Baqqalaa Garbaa waliin ta’uun, meeshaa qabachuun dargaggoota gurmeessuun magaala Burraayyuutti daandii cufsiisuun Reeffii gara Finfinneetti akka deebi’u taasisaniiru jedha himannaan Abbaa Alangaa.
 
Waxabajjii 22, 2012 halkan sa’aatii 5:10 irratti godina Baalee iddoo Dambal jedhamutti jaallewwan isaanii too’annoo jala hin oollee waliin daandii cufuun mootummaa aangoorra buusuuf qabsoon dhumaa akka taasifamu obbo Dajaneen ajaja dabarsuu isaanii abbaan alangaa himata isaan eerera.
 
Akkasumas Waxabajjii 23, 2012 Wallagga Dhihaa aanaa Najjootti jaalleewwan isaanii to’annoo jala hin oolle waliin ta’uun caasaaleen mootummaa naannoo sanaa akka diiggaman ajaja dabarsuu isaanii himatichaan ibsameera.
 
Himatamaa 2ffaan obbo Mastawaard Tamaam obbo Jawaar Mahaammadirraa ergama fudhachuun keellaa magaalaa Burraayyuutti Reeffii dirqiin gara Finfinnee Giddugala Galma Aadaa Oromoo kutee akka seenu yeroo taasisan to’atamaniiru.
 
Godina Baaleetti qabeenyi hawaasaa, dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa hedduun akka barbadaa’uuf sababa ta’aniiru jechuun abbaan alangaa himata isaa keessatti eereera.
 
Walitti bu’iinsa uummameen Magaalaa Burraayyuutti lubbuun namoota 2, magaalaa Finfinneetti lubbuun namoota 6 akka darbuu fi jireenya hawaasaa sadarkaa olaanaan qala’iinsa keessa galchuu isaaniin shakkamichi yakka olaanaan sirna mootummaa fi heera mootummaa irratti raawwataniiru jechuun himatamaniiru.
 
Himannichi himatamtoonni kanneen kan qaqqabe yoo ta’u, himannaa dhiyaate mormuuf mirgi wabii akka eeyyamamuuf mana mutichaa gaafataniiru.
 
Abbaan Alangaas himanni kun waggaa 15 ol kan adabsiisuu waan ta’eef mirgi wabii eeggamu hin qabu jechuun mormeera.
 
Manni murtichaa dhimmicha qorachuun mormii mirga wabii irratti murtoo dabarsuuf beellama jijjiirraa guyyaa booruutti laateera.
 
Obbo Miishaa Adama yakka Teeleekoomii waliin dhahuun himatamaniiru.
 
Obbo Miishaa Adam labsii Teeleekoomii waliin dhahuu lakkoofs 761/2004 keewwata 9 muraa1 jalatti tumame darbuun saatalaayiitii qaama dhuunfaaf hin eeyyamamne biyya Ameerikaa galchuun kutaa bulchiinsa magaa Boolee aanaa 1 naannoo mana hojii obbo Jawaar Mahaammad dhaabuun eeyyama Teeleekoomii malee Moobaayilaa, Taabileetii fi Koompiiyuutaraan fageenya Kiiloo Meetira 5-25 gidduutti siistama diriirsuun dhoksaan yeroo fayyadaman Adooleessa 4, 2012 to’annoo jala oolaniiru jedha himanni abbaa alangichaa.
 
Eeyyama malee yakka bu’uraalee misoomaa Teeleekoomii diriirsuun himatamaniiru.
 
Obbo Miishaa Adam mirga wabii gaafataniiru.
Abbaan Alangaa yakkichi waggaa 20 ol adabsiisuu danda’a waan ta’eef mirgi wabii eeggamuu hin qabu jechuun mormeera.
 
Manni murtichaas dhimmicha qorachuun mormii mirga wabii irratti murtoo dabarsuuf beellama jijjiirraa guyyaa booruutti laateera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.