Fana: At a Speed of Life!

Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiin eegalame cimee itti fufa – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.
Obbo Awwaluu Abdiin Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfillootti argamuun humna nageenyaa 820 leenji’aa ture eebbisaniiru.
Rakkoo nageenyaa furuuf hojiin karaa nagaa eegalame akkuma jirutti ta’ee olaantummaa seeraa mirkanneessuun cimee kan itti fufu ta’uu Obbo Awwaluu Abdiin dubbataniiru.
Kanaafis humna nageenyaa cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa hubannoo leenjiin argameen nagaa eeguuf cimuu akka qaban humna nageenyaa kanaaf dhaamuu OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.