Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee sadarkaa gadi ta’an meetirik toonii kuma 1 fi 85 biyya keessa akka hingalle taasifamuun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 6, 2015 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti oomishaaleen garaagaraa meetirik toonii kuma 1 fi 86 biyya keessa akka hinseenne taasifamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Gaaffii fichisiistota kuma 4 fi 349 simachuun oomishaalee galii meetirik toonii miiliyoona 1 fi kuma 84 ol sadarkaaleen Ityoophiyaa dirqamsiisan ba’eefi hojii inispeekshinii gaggeeffamuuf karoorfamee hojiin inispeekshinii oomishalee meetirik toonni miiliyoona 1.3 gaggeeffamuun ibsameera.

Sakattaa’aa laabiraatoorii fi inispeekshinii taasifamee, hamma garaagaraa kan qaban zayita nyaataa, ruuzii fi daakuu qamadii, ampuulii, shiboo elektirikaa, teeknoolojii soolaaraa, ooshaalee dheedhii galtee oomisha qorqoorroo fi kanneen biroo irratti ta’uu Dursaan Hoji Raawwachiisaan Qindeessaa Waajjiraalee Dame Ministeerichaa Obbo Iyyaasuu Simoon dubbataniiru.

Oomishaaleen biyya keessa akka hinseenne taasifamuun diinagdee biyyaa irratti dhiibbaa uumuun kisaaraa hordofsiisuuf ture hambisuun akka danda’ame Obbo Iyyaasuun Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetitti himaniiru.

Gama biraatiin, gaaffii ergitootaa kuma 1 fi 467 simachuun oomishaalee alergii meetir toonii kuma 380 fi 209 kanneen sadarkaaleen Ityoophiyaa dirqamsiisan ba’eef hojii inispeekshinii gaggeessuuf karoorfame keessaa oomishaalee meetirtik tooni kuma 163 fi 752.9 irratti hojiiin inispeekshinii gaggeeffamuu ibsaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.