Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee Talaallii % 60 Afrikaa keessatti oomishuuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Bara Faranjootaa 2040 Oomishaalee Talaallii % 60 Afrikaa keessatti oomishuuf Karoorfamuu Komishiniin To’annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaa beeksise.

Haqa qabeessummaa, of danda’uu fi fayyaa hawaasaa eeguu ilaalchisee qabxiilee ijoon sadi Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaaf kan dhiyaatu ta’uu Daayrektarri Komishinichaa Dooktar Jiin Kaasiiyaan ibsaniiru.

Bara Faranjootaa 2040 oomishaalee Talaallii % 60 biyya keessatti oomishuuf karoorfamuu himaniiru.

Biyyoonni Afrikaa hundi garaagartee siyaasaa fi qabeenyaa malee sirna qorichii fi talaalliin haqa qabeessan itti argamu uumuu akka qaban hubachiisaniiru.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.