Fana: At a Speed of Life!

Oomishtummaan oomishtoota qorichootaa biyya keessaa laafuun himame

Finfinnee, Hagayya, 9, 2014(FBC) – Oomishtumaan dhiyeessitootaa fi oomishtoota qorichootaa biyya keessaa waggoottaan shanan darbaanin yoo madaalamu sadarkaa olaanaan duubatti hafuun himame.

Tajaajilli dhiyeessaa qorichoota Ityoophiyaa dhiyeessitootaa fi oomishtoota qorichootaa biyya keessaa waliin raawwii dhiyeessii galteewwan qorichootaa irratti mari’ateera.

Dhiyeessitoonnii fi oomishtoonni qorichoota biyya keessaa waggootaan 10 keessatti %60 guddisuuf karoorfamus sababoota garaagaraan dandeettiin isaanii guyyuu gadi bu’aa dhufuun %8 qofti tattafaachaa jiraachuu maricharratti ka’eera.

Tajaajilli Dhiyeessii Qorichootaa Ityoophiyaa buufataalee fayyaa kuma 5’f kallattiin galtee kan dhiyeessuudha.

Zabiib Takalaayitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.