Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaa, qonna magaalaan moodela gochuuf hojjetamaa jira – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 1, 2014 (FBC) – Oromiyaa, qonna magaalaan moodela gochuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu Magaalaa Maqiitti hojii qonna magaalaa daawwateera.

Ammaan booda magaalonni Oromiyaa qonnaan bultootaafi horsiisee bulaa kan dhiiban osoo hin taane akka wal-qabatanii guddataniif irratti hojjechaa jirras jedhaniiru.

Lafti heektaarri kumni 30 ol qonna magaalaan misoomee jiraachuu kan ibsan  ammoo Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantiitti Qindeessaa Kilaastera Misooma Magaalaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaadha.

Qonna magaalaan hojii beellada irratti hojjetamaa jiruus bu’aa olaanaa argamsiisaa jiraachuu obbo Addisuun ibsuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.