Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaan qabeenya uumamaan badhaatuu taatus irraa fayyadamaa hin jirtu- Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC) – Oromiyaan qabeenya uumamaa hawwata Tuurizimiif oolaaniin badhaatuu taatus irraa fayyadamaa kan hin jirre ta’uu Komishiniin Tuuriziimii Oromiyaa beeksise.
Qabeenya uumamaa hawaata Tuurizimii akka biyyaatti jiran keessaa % 50 Oromiyaa keessatti argamanis itti fayyadamummaarratti garuu naannichi sadarkaa 6ffaarrati kan argamu ta’uu ibsameera.
Kunis biyyattiin qabeenyaa uumamaa qabdutti fayyadamaa akka hin jirre kan agarsiisudha jedhame.
Komishiniin Tuuriziimii Oromiyaa fi Qorattoonni qabeenya uumamaa waliin ta’uun rakkoolee guddina Indaastirii Tuurizimii furuun Invastimantii Tuurizimii babal’isuuf hojjatamaa jira jedhameera.
Keessattuu allaattiiwwan Godinaalee Booranaa fi Gujiittii argaman sanyiin isaanii akka hin banne kunuunsuu fi sanyiii isaanii baay’isuun madda galii Tuuriizimii akka ta’an hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Oromiyaan qabeenya uumamaa hawwata Tuurizimiif oolanirra akka fayyadamtuuf qaama dhimmi illaallatu waliin qindoominaan hojjetamuu akka qabu Komishiniin Tuuriziimii Oromiyaa ibsa miidiyaaleef laateen himeera.
Amartii Tasfaayeetu gabase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.