Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Barnoonni 2016 har’a eegale

Finfinnee, Fulbaana 14, 2016 (FBC)- Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti manneen barnootaa banamuun adeemsi baruuf barsiisuu 2016 har’a eegaleera.

Ganama har’aa sa’aatii 2:00 irraa jalqabee manneen barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundi hojii baruu barsiisuu eegalaniiru.

Sirna baniinsa Manneen Barnootaan walqabatees duulli torban 6’f turu daa’imman kutaa 1-4 jiran, barreessuu, dubbisuu, lakkoofsota qayyabachuu fi herreguu dandeessisu manneen barnootaa hundatti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.