Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti guyyaa boruu irraa eegalee bittaafi gurgurtaan boba’aa karaa dijitaalaan kan gaggeeffamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Eebla 25, 2015(FBC)- Oromiyaatti guyyaa boruu irraa eegalee bittaafi gurgurtaan boba’aa karaa dijitaalaan kan gaggeeffamu ta’uu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksise.

Qajeelfama hojiirra oolmaa bittaafi gurgurtaa boba’aa hojiirraa oolchuuf bahe naannoo Oromiyaatti hojiirra oolchuuf bittaafi gurgurtaan boba’aa karaa elektiroonksii fi maallaqa callaan hanga Caamsaa 1 kan itti fufu ta’uu eerameera.

Caamsaa 1, 2015 booda garuu guutummaan guutuutti karaa elektirooniksiitiin kan gaggeeffamu ta’uu Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashoo himaniiru.

Deeggarsi boba’aa konkolaattota uummataa taasifamaa ture kan itti fufu ta’u ibsaniiru.

Buufata boba’aatti hiriirri dheeraan akka hin muudanneef qaamoleen deeggartootaa bakka buufatalee boba’aatti argamanii rakkoo mudachuu malu kan furan ta’uu eeraniiru.

Konkolaattonni kuuphoonii fayyadaman hanga dhuma bara baajata 2015tti qofa tajaajila kan kennan ta’us kaasaniiru.

Baahiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.