Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti guyyaan dhibee TB kabajame

Finfinnee, Ebla 5, 2016 (FBC) – Oromiyaatti guyyaan dhibee TB Magaalaa Shaashamanneettu kabajameera.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa Guyyaa TB (Dhibee Sombaa) Addunyaa mata durwe ”Eeyyeen TB dhabamsiisuu ni dandeenya” jedhuun Magaalaa Shaashamanneetti kabajeera.

Dhibeen TB rakkoo fayyaa hawaasaa ta’aa jiraachuu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayrektarri Daayrektoreetii Dhibeewwan Daddarboo Obbo Darajjee Addunyaan ibsaniiru.

Akka Naannoo Oromiyaatti Baatiwwan 9’n darban qofatti namoonni kuma 43 ol Dhibee TB qabamuu eeraniiru
Dhibeen TB rakkoo fayyaa hawaasaa ta’uun sosochii hawaas-diinagdee danqaa jiraachuu Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Bokonaa Guutaan ibsaniiru

Hawaasni dhibee TB irraa of tiksuuf maloota ittisaa fi too’annoo hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.