Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa 17ffaan Magaalaa Shaashamanneetti kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 26,2016 (FBC)- Guyyaan Sabootaafi Sablammootaa 17ffaan Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti mata duree “Tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa nageenya waaraaf ” jedhuun Magaalaa Shaashamanneetti kabajamaa jira.

Kabaja guyyichaarratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaa Simal dabalatee Afyaa’onni naannoolee Amaaraa, Afaar, Kibbaa, Dirree Dhawaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan haasawaa taasisaniin, guyyichi guyyaa heerri biyyattii itti ragga’e ta’uu fi sabaa fi sabalammoonni gaaddisa tokkummaa jalatti obbolummaan kan waliin jiraachuuf argisiistuudha jedhaniiru.

Guyyichi federaaliizimii sabdaneessaa fi hammataa ta’e qabatamaan kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Jibiriil Huseentu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.