Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lammiilee miiliyoona 29 fayyadamtoota Inshuraansii Fayyaa taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)-Barana Oromiyaatti lammiilee miiliyoona 29 fayyadamtoota Inshuraansii Fayyaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.
 
Koonfiraansiin waliigalaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.
 
Koonfiransicharratti Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan tajaajilli Inshuraansii Fayyaa, utubaa tajaajila fayyaa waliigalaa ta’uu dubbatan.
 
Bara 2016’tti lammiileee miiliyoona 29 fayyadamoo Inshuraansii Fayyaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Manfgistuu Baqqalaan himaniiru.
 
Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluun gama isaaniin, karoora badhaadhina maatii milkeessuuf mootummaan sagantaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaaf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
 
Kenninsa tajaajila fayyaa fooyyeessuu keessatti sagantaan Inshuraansii Fayyaa Hawaasa gumaacha olaanaa qabaachuus eeraaniiru.
 
Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa hanguma fooyya’e tajaajilli fayyaa waliigalaa kan fooyya’u ta’uu himanii Naannoo Oromiyaatti hojiileen hojjetamaa jiran fakkeenyummaa kan qaban ta’uu ibsuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
 
Godinaaleefi Aanaalee tajaajila Inshuràansii Fayyaa Hawaasaa milkeessuuf gumaachaniif Badhaasniifi beekamtiin kennamuun eerameera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.