Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti misoomni qamadii sulula Awaash daawwatame

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti misoomni qamadii naannoo sulula Awaash daawwatameera.

Daawwicharratti kan argaman ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen, Ityoophiyaan qamadii alarraa galchuuf baasii Dooraalaa Ameerikaa miiliyoona dhibba 7 haga biiliyoona 1 ni baasti jedhaniiru.

Kanaafis sharafa alaa hambisuu fi dhiyeessii nyaataa fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Bal’dhinaan qamadii gammoojjii oomishuun waggoottan lamaan sadan dhufanitti Ityoophiyaan baasii qamadii alarraa galchuuf sharafa alaa baaftu hambisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa godina Arsii aanaa Jajuu gandoota Alaagaa Dooree fi Ortaa Dooreetti misooma sululaa Awaashitti fayyadamuun qamadiin lafa heektaara 300 irratti misoomaa jiru daawwatameera.

Yeroo itti aanutti godinichatti lafti heektaarri 800 ol qamadii gammoojjitiin ni uwwifama jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.