Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 101 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 101 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 560 hojjetameen vaayrasichi namoota 101 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 14,165 ga’eera.
 
Lubbuun namoota 1 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 119 darbeera.
 
Namoonni haaraan 69 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 8959 dandamataniiru.
 
Namoonni 21wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5087 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 204351 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.