Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 208 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 208 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 980 hojjetameen vaayrasichi namoota 208 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 14,064 ga’eera.
 
Lubbuun namoota 2 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 118 darbeera.
 
Namoonni haaraan 174 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 8,890 dandamataniiru.
 
Namoonni 18 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5056 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 203791 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.