Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 255 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 255 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3642 hojjetameen vaayrasichi namoota 255 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Umriin isaanii waggaa 2 hanga 93 gidduutti argama.
 
Kooniyaadha dhiira 184, dubartoota 71 ta’uu Biirichi beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 5,843 ga’eera.
 
Waliigala Lubbuun namoota 42 darbeera.
 
Nammoonni haaraan 80 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 1762 dandamataniiru.
 
Namoonni 7 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4,039 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 124,150 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.