Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoota malaammaltummaan shakkamanii to’ataman 1322 irratti murtoon balleessummaa darbe – Komishinicha

Finfinnee, Eebla 30, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti namoota dhuunfaa yakka malaammaltummaan shakkamanii to’ataman kuma 4 fi 80 keessaa namoota kuma 1 fi 322 irratti murtoon balleessummaa darbuu Komishiniin namuusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa beeksise.

Koreen Farra Malaammaltummaa Oromiyaa hojiilee hojjetamaa ture ilaalchisee har’a ibsa laateera.

Eeruwwan kuma 1 fi 495 qorachuun galmeewwan himannaa 641 gurmeessaan namoota kuma 1 fi 322 irratti murtoon balleessummaa akka darbu taasiifamuu korichi ibsa laateen himeera.

Namoonni dhuunfaan kanneen adabbii waggaa 1 hanga waggaa 20 dabamuu isaanii ibsameera.

Hojii korichi hanga ammaatti hojjeteen lafti baadiyyaa hektarri 857.97 Baankii lafaatti akka deebi’u taasiifamuu ibsameera.

Akkasumas Birriin miiliyoonni 128 ol akka hin sochoone dhorkamu qorannaan gaggeeffamaa jiraachuuu Walitti Qabaan Korichaa Komishinar Kaffaalew Taffarraan ibsaniiru.

Birrii miiliyoonni 654 ammoo Kaasnaa Mootummaatti akka deebi’u taasiifamuu eeraniiru.

Dasaalenyi Abarraa fi Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.