Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti oomishini qamadii bonee lafa heektaara kuma 80 irraa walitti qabame-BQO

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Oromiyaatti oomishini qamadii bonee lafa heektaara kuma 80 irraa walitti qabamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.

Naannichatti omishni qamadii bonee gahe lafa heektaara kuma 100 fi kuma 12 olirraa walitti qabamaa jiraachuu ibsameera.

Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa, qamadii boneen lafa heektaara miiliyoona 1 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 38 fi kuma 500 argamsiisuuf karoorfamuu eeranii karooraa ol lafa heektaara miiliyoona 1fi kuma 100 ol irratti misoomuu himaniiru.

Qamadii misoome kana keessaa oomishni lafa heektaara kuma dhibba1fi kuma 12 irra jiru gahuu ibsuun, hanga ammaatti lafa heektaara kuma 80 ta’urraa omishni walitti qabamuun eeraniiru.

Hanga ammaatti omshni kuntaalli miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 3 walitti qabamuus Obbo Bariisoon himuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.