Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti oomishni qonna gannaa % 82 walitti qabameera- BQO

Finfinnee Mudde ,27 (FBC)- Oromiyaatti oomishni qonna gannaa  % 82 walitti qabamuu  Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Naannichatti hojii sassaabbii oomishaa hanga ammaatti hojjetameen oomishinni qonna gannaa % 82 walitti qabamuu Daayrektarri Misooma Midhaanii Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Huseen Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Oromiyaatti lafti heektaarri miiliyoonni 6.6 oomisha qonna gannaan uwwifamee ture keessaa hanga ammaatti heektaara miiliyoona 5.4 irraa oomishni walitti qabamuu obbo Musxafaan kaasaniiru.

Kana keessaa heektaara kuma dhibba 6 fi kuma 53 irraa oomishni kombaayinaraan walitti qabamuu eeraniiru.

Oomisha waliigalaa qonna gannaa bara oomishaa kanarraa callaan kuntaalli miiliyoonni dhibbi 2fi miiliyoonni 18 ol ni argamaan eegama jedhan.

Oomishni hafe sirnaan akka walitti qabamuuf hordoffiifi deeggarsi taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Obbo Musxafaan hawaasnis oomisha isaanii haala qisaasama  hir’isuun  walitti akka qaban waamicha dhiyeesaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.