Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Oomishtummaa fi qulqullina bunaa dabaluuf hojiin buna dulloome gamashuu fi buqqisuun sanyii bunaa filatamaan bakka buusuu eegalame

Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC) – Oromiyaatti oomishtummaa fi qulqullina bunaa dabaluuf hojiin buna dulloome gamashuu fi buqqisuun sanyii bunaa filatamaan bakka buusuu eegalamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hojiin kun akka Oromiyaatti godinoota buna misoomsan hunda keessatti lafa hektaara kuma dhibba 1 fi kuma 3 olirratti Amajjii 10, 2014 irraa eegalee hirmaanna hawaasaatiin kan gaggeeffamu ta’uu Ittaanaan hogganaa fi Itti gaafatamaan Damee Bunaa, Muduraa fi Mi’eessituu Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Muhaammadsaanii Amiin ibsaniiru.

Ogeessonni damichaa sadarkaan jiran derggersa ogummaa barbaachisu hunda akka taasisaniif dhamaaniiru.

Guyyaa har’aas hojiin buna dulloome haaraan bakka buusuu bakka Hoggantuun Biiroo Aadaa fiTuuriizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaanii fi Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir argamanitti jalqabameera.

Bara kana Godina Jimmaatti buna dulloome lafa hektaara kuma 21 fi 100  irraa buqqisuu fi gamashuudhaan haaraan bakka buusuuf karoorfamee hojiitti galamuu Itti Gaafatamaan Wajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Eeliyaas Indiriyaas ibsuu isanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.