Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti pirojektootni Birrii biliyoona 54 fi miliyoona 280 oliin ijaaraman eebbaaf qophaa’an

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti pirojektootni kuma 19 fi 900 ol Birrii biiliyoona 54 fi miliyoona 280 oliin ijaaraman eebbaaf qophaa’uu Biiroon Kominikeshinii Oromiyaa beeksiseera.

Biirichi ibsa baaseen, bu’uraalee misoomaa qulqullinaafi yeroo karoorfametti xumuruun tajaajilaaf oolchuun guddina biyya tokkootiif utubaa ta’uu eereera.

Hojii kana haala barbaadamuun milkeessuufis ijaarsi pirojektootaa bu’uraalee misoomaa dhimma xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu qabuudha jedhaeera.

Haata’u malee, ijaarsi pirojektootaa harkifachuu qofa osoo hin taane qulqullina barbaadamuun xumuramuu dhabuun biyya keenyatti waggoota dheeraaf rakkoolee bulchiinsa gaarii hamaa ummata dallansiise keessaa tokkoakka ture yaadachiiseera.

Komeefi gaaffii ummataa furee imala badhaadhinaa milkeessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijiiramaan as murtee jajjabaa fudhachuun ijaarsa pirojektootaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjetaa jiraachuu eereera.

Kanaanis, pirojektoonni buleeyyiin waggoota dheeraaf harkifachuun madda komee fi rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa turan, xumuramuun tajaajilaafis ooluu ibsuun, tarkaanfii haaraa ijaarsa pirojektootaa baay’ina, qulqullinaafi ariitiin xumuruuf waggoota arfan darbe fudhateen ijaarsi pirojektotaa yeroo qabameef keessatti qulqullina barbaadamuun akka xumuraman taasifamuu himeera.

Haaluma kanaan bara 2012 pirojektoota kuma 4 fi 584, bara 2013 pirojektoota kuma11 fi bara 2014 pirojektoonni kuma 20 ol waliigalan pirojektoonni kuma 35, 655 xumursiisuun tajaajilaaf oolchuun akka danda’ame beeksiseera.

Bara kanas, pirojektoota garaa garaa kuma 19 fi 912 baajata mootummaa, miti-mootummaa fi tajaajila lammummaan Birrii Biiliyoona 54 fi miiliyoona 280 fi kuma 538 oliin ijaaramaa turan xumuramuun tajaajilaaf qophuu eereera.

Naannoo Oromiyaatti pirojektoota bay’ina, qulqullinaafi ariitiin xumuruun rakkoolee bulchiinsa gaarii gama kanaan jiru furuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru milkaa’ina olaanaa kan agarsiise ta’us, pirojektoota xumuraman kunuunsuun umurii dheeraa akka tajaajilan taasisuun xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uu hubachiiseera.

Kanaaf ummanni pirojektoota naannoo isaanitti ijaaramaa jiran hordofuu fi kanneen xumuraman ammoo kunuunsuun umurii dheeraa tajaajila akka kennaniif sirnaan hojjechuun barbaachisaadha jedheera.

Kana malees, pirojektoota gaafachuu qofa osoo hintaane kanneen ijaaraman kunuunsuun aadeffamuu akka qabu dhaameera.

Pirojektoonni bara kana eebbaaf qophaa’an kunneen namoota miliyoona 30 ol fayyadamoo kan taasisan yoo ta’an Mootummaan Naannoo Oromiyaa muuxxannoo waggoota arfan darbee cimsuun, bu’uuraalee misoomaa naannichatti qulqullina, ariitii fi baay’inaan ijaaruun fayyadamummaa ummataa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaassaan mirkaneessaa imala badhaadhinaa galmaan ga’uuf xiyyeeffannoon kan hojjeetu ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.