Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti qonna gannaatiin lafa heektaara miiliyoona 5.8 irratti sanyiin faca’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 3, 2014(FBC)- Oromiyaatti qonna gannaatiin lafa heektaara miiliyoona 5.8 irratti sanyiin faca’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.

Naannichatti, qonna gannaatiin lafa heektaara miliyoona 6.3 misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti heektaarri miliyoonni 5.8 sanyiin uwwifamuu Hogganaan biirichaa Abarraa Warquun ibsaniiru.

Misooma Qamadii qonna gannaan lafa hektaara miliyoona 1.6 irratti misoomsuuf karoorfamee hanga ammaattti lafa hektaara miliyoona 1.3 irratti faca’uufi hojiin qonna ganna haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu Obbo Abarraan himaniiru.

Jilli Obbo Abarraa Worquun durfamu godina Baalee Aanaa Sinaanaa Ganda Walta’ii Arjootti facaasaa qamdii qonna gannaa lafa hektaara kuma 2fi 825 irratti kilaastetaan jalqabsiisuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.