Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti sanyii filatamaan kuntaala Kuma 500 ol qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Ebla 20, 2016 (FBC)-Oromiyaatti sanyii filatamaan kuntaala Kuma 500 ol qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu Interpiraayiziin Sanyii Filatamaan Naannichaa ibse.

Oomishtummaa olaanaa kan qabanii fi dhibee dandamachuu kan danda’an akaakuuwwan sanyii filatamaan 20 ol oomishaa jiraachuun beeksiseera.

Hoji Raawwachiisaa Ittaanaan Interpiraayizichaa Caalaa Abbabaa akka ibsanitti interpiraayizichi sanyiilee filatamaa naannichaaf %80 ol akka biyyaalessaatti %60 dhiyeessa.

Qonnaan bultoonni kilaastaraan misoomaan, abbootii qabeenyaa fi qonna baay’isa sanyiin bara kana sanyiilee filatamaa kuntaala kuma 500 ol oomishamuu fi kana keessaa kuntaalli kuma 300 raabsuuf qophaa’uun dubbataniiru.

Hanga ammaattis kuntaala kuma 60 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu Obbo Caalaan dubbachuu TOI gabaaseera.

Oomishtummaa guddisuuf sanyiilee filatamoon baay’inaan qonnaan bultoota bira akka ga’uuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.