Fana: At a Speed of Life!

Paarkii Qindaa Agroo- Indaastirii Bureetti abbootii qabeenyaa Birrii biiliyoona 5.4 galmeessaniif lafti misoome dabarfamee kennamuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015(FBC)- Paarkii Qindaa Agroo- Indaastirii Bureetti abbootii qabeenyaa Birrii biiliyoona 5.4 galmeessaniif lafti misoome dabarfamee kennamuu ibsameera.

Waamicha Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwanii naannichaa abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaaf dhiyeesse hordofee abbootiin qabeenyaa hojii invastimantiin paarkichatti bobba’aa jiraachuu ibsameera.

Paarkichi abbootii qabeenyaa 8 Biiroo Indaastiriifi Invastimantii naannichaan adda bahuun ergamaniif lafa misoome heektaara 35.58 dabarsee kennuu beeksiseera.

Piroojektoonni kunneen kaapitaala Birrii biiliyoona 5fi miiliyoona dhibba 4fi miiliyoona 22fi kuma dhibba 2fi kuma 39 ol kan galmeessaniifi lammiilee kuma 1fi 989 carraa hojii kan uumu ta’uu ragaan paarkicharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.