Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Indaastirii Arartii galii Birrii biiliyoona 1 olii argamsiisuun ibsame

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)- Baatiiwwan 8’n darbanitti Paarkiin Indaastirii Arartii oomisha gabaa biyya keessaaf dhiyeessarraa galii Birri biiliyoona 1 olii argamsiisuun ibsame.

Koorporeeshiinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaatti Ittaanaa Hoji Raawwachiisaa Damee Maarkeetingii fi Piromooshinii Invastimantii Obbo Zaman Juunaddiin akka ibsanitti, paarkiin indaastirichaa oomishaalee bakka bu’iinsaa oomishuun sharafa alaa Doolaara miiliyoona 19.4 baraaruu danda’eera.

Paarkichi seeraamikii omishuu fi galteewwan mukaa dhiyeessuun gahee olaanaa bahachaa jiraachuun ibsameera.

Jiraattota naannawaa indaastirichaaf walitti hidhamiinsi gabaa Doolaara miiliyoona 12.5 olii uumamuu himaniiru.

Baatiiwwan kanneen keessatti lammiilee kuma 1 fi 500 oliif carraan hojii uumamuu ibsanii, yeroo ammaa paarkichatti abbootiin qabeenyaa kaappitaala olaanaa galmeessan sadii damee oomisha huccuwwaniirratti bobba’anii jiraachuu eeramuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.