Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Indaastirii Hawaasaa oomishaale Doolaara miiliyoona 114 baasan gara alaatti erge

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Paarkiin Indaastirii Hawaasaa bara kana omishaalee Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 14 baasan gara alaatti erguu beeksiseera.
Paarkiin Indaastirii Hawaasaa ji’oota 11 darban keessatti omishaalee garaagaraa Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 14 baasan gara alaatti erguu, Hojii gaggeessaan Paarkiin Indaastirichaa, obbo Fitsuma Katamaa himaniiru.
Yeroo ammaa kana dhaabbileen sadrkaa idil addunyaa guutan 23 gara hojiitti galuusaanii himaniiru.
Akkasumas abbootii qabeenyaa dabalataan simachuuf haaldureen mija’uu himaniiru.
Hojmaanni Oomisha dheedhii fi Oomishaalee dhumatoo kallattiidhaan Jibuutiirraa gara Hawaasaa, Hawaasaarraa gara Jibuutii deddeebisu diriirfamuu himaniiru.
Hojmaanni diriire abbootiin qabeenyaa oomishasaanii rakkoo tokko malee tajaajila geejibaa fooyya’aa akka argatan garagaareera jedhan.
Paarkichi yeroo ammaa lammiilee kuma 35 oliif carraa hojii uumuu himameera.
Maddi:-DhPI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.