Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Michummaa Lakkoofsi 2 hawwata turistii Magaalaa Finfinnee dabaluu keessatti gahee guddaa qaba – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2015 (FBC) – Paarkiin Michummaa Lakkoofsi 2 hawwata turistii Magaalaa Finfinnee dabaluu keessatti gahee guddaa qabaachuu kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Paarkiin michummaa lakkoofsi lamaa har’a eebbifame magaalaa Finfinneef oduu gammachiisaa biraati jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Paarkichi iddoo dargaggoonnii fi daa’imman magaalattii itti bashannanan, baratan, beekumsaa fi dandeettii qaamaa fi sammuu isaanii itti gabbifatan ta’uu eeraniiru.

Finfinnee akkuma maqaa ishee bareedduu fi miidhagduu taasiisuuf paarkichi gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.