Fana: At a Speed of Life!

Paartiichi raawwii hojii baatiiwwan saglan darbani gamaaggamuu eegale

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) – Paartiin Badhaadhina raawwii hojii baatiiwwaan saglan darbanii gamaaggamuu eegaleera.
Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhina Obbo Adam Faaraahi ,Itti Gaafatamtoonni Paartii badhaadhina Damee Naannoolee fi qoondaltoonni olaanoon paarticha biroon gamaaggamicharratti argamaniiru.
Paartiichi gamaaggama guyyoota sadiif taasiisun, hojiilee baatiiwwan saglan darban dameewwan garaagaraan hojjetamaa turan kan qoratu ta’uu ibsameera.
Ittaanaan Pireezidaantii Paartichaa Obbo Adam Faaraahin hasaawa taasisaniin, mootummaa fudhatama qabu ijaaruun hirmaanaa fi fayyadamuma ummataa mirkannessuuf baatiiwwan sagalan darban caasaan paartii Badhaadhina hojiilee hedduu hojjechuu dubbachuu ragaan fuula Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.