Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa guddina Ardii Afrikaaf ANC waliin ni hojjeta

Finfinnee, Amajjii 2, 2012 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa guddina Ardii Afrikaaf Paartii Koongiraasii Biyyooleessa Afrikaa Kibbaa (ANC) waliin murannoon kan hojjetu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy ibsan.

Dooktar Abiy kabaja Ayyaana waggaa 108ffaa Paartii Koongiraasii Biyyooleessa Afrikaa Kibbaa irratti haasawa taasisaniiru.

Haasawa taasisaniis maqaa Paartii Badhaadhinaan erga ummata Ityoophiyaa baga ittiin isin gahe ummata Afrikaa Kibbaaf dhiyeessaniiru.

Paartiin ANC paartii dhaloonni walharkaa fudhuun ijaaran ta’uu kaasaniiru.

Lammiileen Afrikaa Kibbaa sirni Appaartaayidii akka kufuuf qabsoo taasiisan ummanni Ityoophiyaa kan dinqisiifatan akka ta’e dubbataniiru.

Hoggantoonni ANC biyyattiitti walqixummaan caalmaatti akka mirkanaa’uu fi badhaadhina biyyattiif murannoon akka hojjetan amantaa qaban ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii baroota dheeraa kan lakkoofsise ta’uu kan ibsan Dooktar Abiy, seenaan ummattoota biyyoota lamaanii tokko taasisu hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Turtii Neelsan Maandeellaan Ityoophiyaa keessatti taasisan eeruun, Ityoophiyaan bilisummaa fi mirga namoomaa Maandeellaan qabsaa’eef ni eegdi jedhan.

Iddoo Seenaa qabeessa Maandeellaan Ityoophiyaa keessatti keessa turan biyyoonni lamaanuu waliin misoomsuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Abiy Paartiin Badhaadhinaa akka Paan Afrikaatti ummattoota biyyoota lamaanii fi Ardichaaf ANC waliin ta’uun murannoon ni hojjeta jedhan.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.