Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa mirgaa fi fayyadamummaa dargaagootaaf xiyyeeffaannoon hojjeta – Obbo Adam Faarahi

Finfinnee, Mudde 23, 2015 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa mirgaa fi fayyadamummaa dargaagootaa kabachiisuuf xiyyeeffaannoon kan hojjetu ta’uu Dursaa Itti Aanaan Pireezidaantii Paartichaa Obbo Adam Faarahi ibsaniiru.

Dursaa Itti Aanaan Pireezidaantii fi Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Baadhaadhinaa Obbo Adam Faarahi Yaa’ii idilee 1ffaa Liigii Dargaggootaa Paartichaa Adaamaatti gaggeeffamaa jirurratti argamuun ergaa dabarsaniin Paartiin Badhaadhinaa mirgaa fi fayyadamummaa dargaagootaa kabachiisuuf xiyyeeffaannoon hojjeta jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa wareegama olaanaa dargaggoonni kaffalaan kan dhufe ta’uu ibsuun, siyaasa shiraa fi finxaalessummaarraa bilisa ta’e ijaaruun dargaggoota fayyadamoo ni taasiisa jechuun ibsaniiru.

Miseensoota paartichaa keessaa % 51 dargaggoota ta’uu fi hoggansa keessaa ammoo dargaggoonni % 60 ta’uun isaa Paartichi dargaggootaaf xiyyeeffannoo addaa laachuu argarsiisa jedhan.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.