Fana: At a Speed of Life!

Paartileen siyaasaa ulaagaalee irraa eegamu amma Bitootessa 3,2012tti akka xumuratan gaafataman

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC)- Paartileen siyaasaa ulaagaalee guuttachuu qaban amma Bitootessa 3,2012tti akka xumuratan Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa yaadachiise.
 
Akkaataa labsii paartilee siyaasaa fi filannoo, lakkoofsa 1162/2011 paartileen siyaasaa biyyoolessaa fi naannoo ulaagaa fi dirqama irraa eegamu akka guuttatan boordichi gaafateera.
 
Ulaagaa fi dirqama irraa eegamu ilaalchisee boordichi akkaataa qajeelfama lakkoofsa 3/2012 paartileedhaf erguu beeksiseera.
 
Haaluma kanaan paartileenis dirqamaa fi ulaagaa irraa eegamu amma Bitootessa 3,2012tti guuttatanii akka dhiyeessan gaafateera.
 
Amma ammaatti paartileen sanadoota irraa eegamu galchan xiqqoo ta’uu boordichi beeksiseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.