Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaant Saahilawarq Zawdeen Hojii Rawwachiisaa Olaanaa Gamtaa Talaallii Gaavii waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Hojii Rawwachiisaa Olaanaa Gamtaa Talaallii Gaavii Dooktar Seet Barkileeyiin waliin mari’atan.

Mariin isaanii tumsa Ityoophiyaafi Gaavii gidduu jiruufi mul’ata tarsiimawaa “daa’imman talaallii fudhatanii hin beekne (Zeeroo Dooz) 2021-2025” jedhamu waliin gahuuf deeggarsa Ityoophiyaan taasistu irratti xiyyeeffachuu ibsameera.

Biyyoota dhaabbatichi deeggarsa maallaqaa  taasisuuf keessaa  Ityoophiyaan sadarkaa 2ffaarratti kan argamtu ta’uu ragaan waajjira Pireezidaantiirraa argame ni mul’isa.

Pireezidaant Saahilawarq deeggarsa dhaabbatichi Ityoophiyaatti taasisuuf galateeffachuun, Ityoophiyaan uwwisa talaallii guddisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.