Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Baayidan Kaaliifoorniyaatti labsii yeroo ariifachiisaa labsan

Finfinnee, Amajjii 2, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Obomboleettii cimaa Rooba makeen Bulchiinsa Kaaliifoorniyaa muudate hordofee labsii yeroo ariifachiisaa labsaniiru.

Obomboleettii cimaa Rooba makee fi balaa lolaa muudate kanaan lubbuun namoota 12 darbuu, namoonni baayyeen miidhamuu fi qabeenyi hedduun barbadaa’uu ibsameera.

Pireezidaanti Joo Baayidan kutaa bulchiinsa Kaalifoorniyaatti torban tokkoo oliif Obomboleettii cimaa Rooba makeen lubbuu namoota hedduu galaafate, bu’uuraalee humna elektirikaa fi qabeenya biroo barbadeesse kana to’achuuf, akkasumas namoota miidhaman deeggaruuf guyyaa kaleessaa labsii yeroo ariifachiisaa labsuu isaanii RT gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.