Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqii fi Pireezidaantiin Siwiizarlaand Fooramii tumsa idil Addunyaa banan

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdee fi Pireezidaantiin Siwiizarlaand Viiyoolaa Amzhirid Fooramii tumsa idil Addunyaa 3ffaa Magaalaa Baaziliitti qophaa’e bananiiru.

Pireezidaantoonni kunneen dhimmoota hariiroo waloo Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaandi gidduu jiruu akkasumas dhimmoota Nageenyaa Afrikaa fi Awuroopparratti marii taasiisu eerameera.

Waltajjiin tumsa idil addunyaa Ejansii Tumsa Misoomaa Siwiizarlaandiin qophaa’e kun mata duree ‘Nageenyi maali?’ jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, ijaarsa nageenyaaf murannoo qabaachuu himameera.

Dhiibbaan Biyyoonni Afrikaa siyaasa idil addunyaarratti uuman dabalaa dhufuu kan eeran Pireezidaantiin Siwiizarlaand Viiyoolaa Amzhirid, kun jijjiirama diinagdeefis murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Siwiizarlaand misooma Afrikaa tumsuuf murannoo qabaachuu kaasaniiru.

Biyyattiin qajeeltowwan nageenyaa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaan deeggaramu kan tumsitu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.