Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan jila Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin naannoO oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan jila Baankii Addunyaatti Daayrektara biyyoota Itiyoophiyaa, Eritiriyaa, Sudaani fi Sudaan Kibbaa Osmaan Diyoon waliin mari’ataniiru.

Marii Isaaniin haala waliigalaa Naannoo Oromiyaa fi dhimmoota waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuu gama miidiyaa Hawaasummaa isaaniin Ibsaniiri.

Haaluma kanaan karoora misooma Oromiyaa waggaa kudhanii Mootummaan Naannoo Oromiyaa irratti hojjechaa jiruu fi hojiilee hawaas- diinagdee waliigalaa naannichaarratti marii bal’aa taasisuu himaniiru.

Fuulduraattis hojiilee misoomaa mootummaan hojjechaa jiru irratti akkaataa waliin hojjechuu fi deeggarsa taasisuun danda’amurratti waliigalteerra ga’amuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.