Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Gandi Leephiis Dhaabbata Turiizimiin filatamuutti gammaachuu isaanii ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC)- Gandi Ikoo-Tuuriziimii Leephiis Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Turiizimiitiin “Ganda Turiziimii filatamaa bara 2023’’ jedhamee filatamuu isaatiin hedduu gammadeera jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Murtoon yaa’ii waliigalaa 25ffaa dhaabbatichaa biyya Uzbeekistaaan, Magaalaa Samaarkaandii irratti gaggeeffame irraa dhagahame kun borumtii Paarkiin Biyyooleessaa Gaarreen Baalee Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaatti, hambaa umamaa ta’ee galmaa’etti ta’uu isaatiin gammachuu dachaafi milkaa’ina boonsaa dabalataa bara kanaati jechuu ni dandeenya.

Milkaa’ina argameef maqaa Kootifi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin baga gammanne, baga gammaddan jechaa, qaamoota milkaa’ina kanaaf shoora taphataa turanis asumaan galateeffachuun barbaada.

Abbootiifi haadholii safuu qabeenya umamaaf malu nudhaalchisan, ummata godina Arsii Lixaa, keessumaa jiraattoota naannaawa Leephiis qabeenya ajaa’ibaa kana kunuunsanii har’aan gahaniif galata guddaa akkan qabuuf ibsuun barbaada.

Iddoon umama addaa kun beekamtii isaaf malu akka argatuuf jalqabaa hanga xummuraatti hordofaa kan ture Ministeera Turiizimii FDRI guddaan galateeffadha.

Gahee qaamolee armaan olitti ka’an cinaatti xiyyeeffannoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa seektara Turiizimiitiif kenne bu’aa argameef humna guddaa kan tureedha.

Ji’oota lama duras, Leephiis iddoowwan Ikoo-Turiizimii 18 inisheetiivii haaraan akka misooman adda bahanii labsaman keessaa tokko ta’uun isaa daandiin irra jirru sirrii ta’uu kan nuuf mirkaneessuudha.

Gama biraatiin, hojii jalqabaatiin bu’aan argamaa jiru, dilbiifi carraan turiizimii akka naannootti qabnu guddaafi kan hin tuqamin ta’uu kan nutti agarsiisu qofa osoo hin taane, faayidaa seektara kanarraa ummanniifi naannoon keenya argachuu qaban caalaatti akka dhugoomsinuuf kan nukakaasudha.

Dhumarrattis, hooggansifi caasaan mootummaa, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen investimantii garagaraafi qaamoleen dhuunfaa, xiyyeeffannoo seektara kanaaf kennuu qabnu kenninee faayidaa argamuu malu hunda tumsaan taanee akka dhugoomsinu adaraa jechuun barbaada.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.