Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Hoggantootaa Olaanoo biyyoota Afrikaa Yuuniyeenii Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Oromiyaa Kutaa Magaalaa Galaanitti argamu daawwachiisan

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Hoggantootaa Olaanoo biyyoota Afrikaa Yuuniyeenii Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Oromiyaa Kutaa Magaalaa Galaanitti kan argamu daawwachiisaniiru.

Yuuniyeeniin Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Oromiyaa Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa 34 kan hundaa’e yoo ta’uu, yeroo ammaa waldaalee 407 kan hammateedha.

Qonaan Bultoonni kumni 557 miseensoota waldaalee kanneenii ta’uu eerameera.

Yuuniyeenichi waggaatti Bunaa Dheedhii fi Qola Bunaa Toonii kuma 329 oomishuun gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyaassaa jira jedhame.

Kaappitaala Birrii kuma 825 kan hundaa’e yoo ta’uu yeroo ammaa Kaappitaalli isaa Birrii miiliyoona 713 qaqqabuu ibsameera.

Bara kana akka Oromiyaatti Bunni Kuntaalli miiliyoonni 11.3 oomishamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.