Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Zalaaniskiin Ajajaa Olaanaa Waraana Yukreen hojiirraa gaggeessan

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Yukreen Vooloodimiir Zalaaniskiin Ajajaa Olaanaa Waraana biyyattii Jeneraal Vaalarii Zaaluuzyiinii hojiirraa gaggeessuu ibsameera.

Pireezidaanti Zalaaniskiin garaagarummaan ilaalchaa gidduu isaaniitti mudachuu hordofee ajajaa olaanaa kana hojiirraa gaggeessuu dhaga’ameera.

Jeneraal Oleeksaandar Sariiskiinii Ajajaa Olaanaa Waraana biyyattii taasiisuun bakka isaanii mudaniiru jedhame.

Jeneraala Vaalarii Zaaluuzyiiniin waraanaa fi ummata Yukreen biratti nama fudhatama olaanaa qaban ta’uu eerameera.

Ummata biyyattii biratti nama akka goota biyyaalessaatti ilaallaman ta’uu BBCn gabaaseera.

Jeneraal Vaalarii Zaaluuzyiiniin Pireezidaantii biyyattii Zaleeniskii caalaa nama ummata birratti fudhatama qaban ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.