Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin duraanii Chaayinaa addunyaa kanarraa du’aan boqotan

Finfinnee, Sadaasa 21,2015 (FBC)- Pireezidaantiin duraanii Chaayinaa Jiyaang Zeemiin guyyaa har’aa umriisaanii waggaa 96’tti addunyaa kanarraa du’aan boqotan.

Jiyaang Zeemiin dhibee kaansarii dhiigaan addunyaa kanarraa du’aan boqochuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Jiyaang Zeemiin bara faranjootaa 1989-2000’tti barreessaa olaanaa Paartii Kooministii Chaayinaa akkasumas bara faranjootaa 1989-2004’tti Dura Taa’aa Komishinii Loltummaa Giddugaleessaa ta’uun tajaajiluu ibsameera.

Kana malees bara faranjootaa 1993-2003’tti Pireezidaantii biyyattii ta’uun biyyasaanii tajaajiluu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.