Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin duraanii Waldaa Kubbaa Miilaa Ispeen waggoota sadiif ugguraman

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC)- Fiifaan Pireezidaantii Duraanii Waldaa Kubbaa Miilaa Ispeen Luuwis Ruubiyaales irratti uggura dabarseera.

Haaluma kanaan dhimmoota ispoortiin walqaban kamirraayyuu waggoota sadiif akka ugguraman murtoo dabarseera.

Luuwis Ruubiyaales, sirna badhaasaa Waancaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Idil Addunyaarratti taphattuu sarara fuulduraa garee Ispeen hidhii dhungachuun kan yaadatamuudha.

Gochichaan walqabatee yeroof Fiifaadhaan ugguramuun dhimmi isaanii ilaalamaa turuun eerameera.

Uggura Fiifaa boodaas Fulbaana darbe aangoo isaaniirraa kaafamaniiru.

Luuwis Ruubiyaales seera naamusaa Fiifaa keewwata 13 darbuun uggurri waggaa sadii akka itti murteeffame beeksisuu BBC’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.