Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantonni fi mootummoonni naannolee Adwaa ilaalchisuun ergaa dabarsan

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Pireezidaantonni fi Mootummoonni Naannolee garaagaraa Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa 128ffaa ilaalchisuu ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa 128ffaan boruu sadarkaa biyyaalessaatti kabajama.

Guyyicha ilaalchisuun Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon ergaa dabarsaniin, injfannoo Adwaan argame itti fufsiisuun hiyyummaa injifachuun dhaloota ammaa gara bantii badhaadhinaatti ni ceesifna jedhan.

Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umad Ujuluun gama isaaniin injifannoo Adwaa jaalala biyyaa dursuun kan irratti mul’atee duudhaa waloomaati jedhaniiru.

Injifannoon Adwaa tokkummaa sabdaaneessummaa Itiyoophiyaan ittiin beekamtu qabatamaan kan mul’iseedha jechuun Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan dubbataniiru.

Mootummaan Naannolee Amaaraa fi Hararii ergaa dabarsaniin injifannoon Adwaa wareegama ummatoota biyyattii hundaan kan argameedha.

Akkausma Asxaa walqixxummaa fi diddaa ta’uu bira darbee ummatoota gurraachota maraaf guca injifannoo kan qabsiiseedha jedhaniiru.

Giti bittaa Addunyaarraa akka dhabamuuf fakkeenya kan ta’e injifannoo Adwaa yoo yaadannu, goototaa lafee itti cabsaanii, dhiiga itti dhangalaanii biyyaaf dhaabbatan kabaja maluuf kennufiin ta’uu qaba jechuunis dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.