Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantonni naannoolee ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)-Pireezidantonni naannoolee badhaasa meedaaliyaa “Agricola” argachuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Haaluma kanaan Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin, Dooktar Abiy Ahimad badhaasa meedaaliyaa “Agricola” badhaafamuun gammachuu isaanitti dhaga’ame dabarsaniiru.

Badhaasni Dooktar Abiy argatan akka biyyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf kaka’umsa dabalataa akka uumu himan.

Mootummaan Naannoon Somaalees badhaafamuun Ministira Muummee ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Haaluma walfakkaatuun Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaan “Baga gammaddan” jechuun gammachuu isaanii ibsaniiru.

Badhaasni Dooktar Abiy argatan kabaja hundaa keenyaati Jedhan.

Injifannoowwan galmaa’aa jiran Injifannoo biroo galmeessuuf galtee ta’uun nyaataan of danda’uuf hundinuu tattaafiin ni hojjenna jechuun ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.