Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantoonni naannolee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) – Pireezidaantoonni naannolee garaagaraa ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Itti Anaan Pireezidaantii naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaw Xaasaw hordoftoota amantaa Kiristaanaa fi Ummata Itiyoophiyaa maraan baga geessan jedhaniiru.

Akkaataa duudhaa fi barsiifta amantaalee keenyaan aadaa walitti dhufeenyaa, jaalala, tokkummaa fi walgargaaruu cimsachuun qabna jedhan.

Waayita ayyaana guddaa kana kabajnu gochaalee gaggaarii rabbii fi namni jaalatu raawwachaa kabachuu qabna jedhuun ergaa dabarsaniiru.

Ayyaanichi ayyaana eebbaa, badhaadhinaa fi jaalalaa akka ta’u hawwaniiru.

Pireezidaantii naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriinis ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Hordoftoota amantaa Kiristaanaa dabalatee jiraattoonni naannich hundi nageenya, tokkummaa, walta’iinsaa fi obbolummaa dagaagsuu fi milkaa’ina hojiiwwan misoomaa hunda galeessa naannicha keessatti eegalaman akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.

Ayyaanichi ayyaana jaalalaa, tokkummaa, fayyaa, badhaadhinaa fi obbolummaa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.